Haala Walii Galaa Hundeeffama Waajjirichaa

Image

Bu'uura Yaadaa Hundeeffama Waajjirichaa Ilaalchisee

Haala Walii gala Waajjirichaa Seenaa irraa hubachuun akkuma danda’amu Uumanni Oromoo Beenishaangul Gumuzii fi Gambeellaa keessumaa Uumanni Lixa Itiyophiyaa jiraatan teessuma lafa isaaniitiin kan walitti hidhamanii jiran Aadaan, Seenaan, waliin jireenyaa gaarii kan qaban gamtaan tokkoomee fuudhaan dhiigaan kan walkeessaa jiruu fi uumataa wal-soddomfatee baroota dheeraaf jaalalaan tokkummaan waliin jiraataa tureefii jiraachaa jiruu dha.

Haa ta’uutii yeroo dhiyoo asitti rakkoo nageenyaa gidduu isaanii tureen wal-dhabdeen mullatee jira. sababa walitti bu’iinsa tureetiin buqqaatiin turee jira, wal ajjeechaa fi qabeenyi manca’uun ballinaan naannoo daangaa lixa Oromiyaa fi Benishangul Gumuz gidduutti geggeefamaa turee jira. Rakkoo Kana hundee irraa hiikuu dhaaf mootummaan naannoo Oromiyaa fi Benishangul Gumuz walitti dhufun Bitootessa 21/2010 Dambii 196/2010 tin wajjira waloo hundessuun hojii keessa galamee jira.

Bu’uruma kanan wajjirich Bara 2011 erga hojii eegalee booda walitti bu’insa Godinalee Lixa Oromiyaa fi Benishangul Gumuz gidduutti uumamee ture konfiransii araaraa geggeessuun hawwasichi gara qe’ee isatti akka deebi’u taasifamee jira, bu’uraleen misoomaa manca’ee ture akka deebi’ee bakka bu’u hojjechaa turee jira. Bifuma Walfakkaatuun Bu’aa waajjirichi galmesse gamaaggamuun naannoon Gambellaas itti dabalamee waajjirichi naannolee sadan gidduutti akka hojjetuuf walii galteen nageenyaa fi misoomaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Mootummaa Naannoo Gambellaa Gidduutti dambii Lakkoobsa 1/2014 tin mallatteeffamee hoji keessa galamee jira.

Wajjirichi Hojii nageenyaa fi misoomaa bal’aa waan hojjetuuf baajeta mootummaa qofaan galmaan ga’uun waan ulfaatuuf dhaabbilee gargaarsaa garaa garaa (NGO)hirmaachisuun iratti kan hojetuu dha. Kunis proposala qopheessuun fandii barbaadee hojiiwwan hawwaasa naannolee sadan walitti fidu ni hojjeta.

Haaluma kanaan qooda fudhattootni keenya akkaataa armaan gadiin ibsamanii jiru:

* Dhaabbata UNHCR waliin ijaarsa duudhaa nagaa irratti Bara 2012/2019 irraa eegalee Partinerii tahuun Godinalee Wallagaa fi Kamashii irratti baajeta nuuf ramaduun waliin hojjechaa kan jirruu dha.

* Dhaabbata UNDP baajeta isaanitin bara 2012 Magalaa Adamaa, Bushoftuu fi Finfinneetti leenjii ijaarsa nagaa mata duree adda addaa irratti qindeesummaa waajjira keenyaatin geggeessitoota sadarkaa naannoo hanga aanaatiif kennamee jira.

* Dhaabbata Katolikii dame Naqamtee walin hojiin hawwasa walitti fiduu fi Ambaasaaddaroota nageenyaa waliin hundeessinee hojjechaa turreerra.

* Dhaabbata IOM waliinis dargaggoo fi dargaggoo walitti fiduun kilabii Ispoortii hundeessuun hojiin waliin hojjetamee jira.

* Dhaabbata Worlid vision waliinis Feestiivaaliin Nageenyaa Uummata Oromoof Gumuz gidduutti hojjetamee jira.

Daangaa Waajjirichi keessatti Hojjetu

Naannoo Oromiyaa irraa:

*Godina Wallaggaa Bahaa, Aanaalee 7

*Godina Wallaggaa Lixaa aanaalee 9

*Godina Qellem Wallaggaa Aanaalee 3

*Godina Bunnoo Beddellee aanaa 1

*Godina Iluu Abbaa Bor aanaalee 2 waligala Gandoota 112

Naannoo Beenishaangul Gumuz irraa:

• Godina Kamashii Aanaalee 5

• Godina Asoosaa Aanaalee 2

• Aanaa addaa Maa’oo Komoo

• Magalaa Bambasii fi

• Magalaa Asoosaa fi naannoo ishee dabalatee wali gala gandoota 73

Naannoo Gambellaa irraa:

• Godina Anyuwaa aanaa 1

• Godina Majang aanaa 1

• Aanaa Addaa Itang 1

• Magalaa Gambeellaa dabalatee walii gala gandoota 10 akka walii galaatti naannoo sadii(3), Godina 9, Aanaa addaa 2, Aanaalee 31 fi gandoota 198 gidduutti hojii misoomaa fi nageenyaa hojjechaa jira.

Dayirektoretii Ijaarsa Duudhaa Nagaa

Kayyolee gurguddoo lamaan waajjirichi qabu keessa inni olaanaan ijaarsa duudhaa nagaa naannolee sadan keessatti babal’isuu yoo ta’u, hawwasni Lixa Oromiyaa,Benishangul Gumuzii fi Gaambeellaa aadaa fi duudhaa walii kabajanii akka waliin jiraataniif hojiilee nageenyaa fi hawwasa walitti fidu bal’inaan hojjechaa turee jira, ammas hojjechaa jira. Keessattu Hawwasa sababa walitti bu’insaan qe’ee isaa irraa buqqa’e deebisanii dhaabuu fi madda walitti bu’insaa isaanii adda baasuun irratti Kan hojjetamuu dha.

Waajjirichi hojiilee armaan gadii naannolee sadan keessatti ni hojjeta:

• Geggeessitoota naannolee sadan walitti fiduun marii fi gamaggamni dhimmota hawwasa walitti fiduu iratti ni hojjeta.

• Hawwaasa wal-daangessan gidduutti konfiraansii nageenyaa, marii hawwasaa ni geggeessa

• Leenjii dandeettii raawwachiistummaa caasalee mootummaa fi fokal personii wajjiraatiif mata duree garaa garaa irratti ni laatama

• Sagantaa ayyanotaa fi aadaa irratti hawwasni akka walitti dhufu ni taasifama.

• Aanaa fi Aanaa, Gandaa fi Ganda gidduutti Koree cimdii nageenyaa hundeessuun rakkoo gidduu isanii ofin akka hiikkatan ni tasifama.

• Gumii nageenyaa Manneen Barnootaa keessatti hundeessuun barattoonni fi barsisonni aadaa, duudhaa fi afaan walii kabajanii akka walin jiratan ni taasifama.

• Waliin jirenya obbolummaa dargaggoota naannolee olla cimsuuf ispoortiidhaan walitti fiduun dorgommiin gidduu isanitti ni gegeefama. Dayiroktereetii Qophii Pirojektii fi Misoomaa Kaayyoon hundeeffama Waajjirichaa kaayyoo gurguddaa lama kan of-keessatti qabatu keessaa tokko sablamootta Naannoolee Daangaa Lixa Oromiyaa, Benishangul Gumuz fi Gaambella bu’uralee misoomaa naannoo isaanitti argamu waliin kunuunsuu fi walin itti fayyadamuu akka qaban qaamolee ilaalatu waliin deggersa barbaachisu taasisuu fi bakka hanqinni bu’uraalee misoomaa jirutti immoo qorannoo geggeessuun qaama dhimmi isaa ilaallatu waliin furmaata itti kennuun haawwasichi fayyadamu taasisuuf kan hojjetudha,akka fakkeenyaatti:

• Pirojektiwwan kan akka daandii godinaa fi godina, aanaa fi aanaa wal quunnamsiisu qorachuun akka hojjetamu taasisa.

• Mana Barnoota babalisuun Dhalattoonni naannichaa afaan dhaloota isaniitiin akka barataniif Biiroo Barnootaa waliin ni hojjetama

• Bishaan dhugaatii, kunuunsa qabeenya uumamaa fi kan biroo waliin akka itti fayyadamaniif qaama ilaallatu waliin qoratee ni dhiyeessa, hojii isaa irrattis hordoffii ni taasisa.

• Dargaggoota naannoo daangaa waliin jiraatan carraa hojii uumun hoji dhabdummaa xiqqeessuu irratti qaama ilaallatu waliin ni hojjeta.

*****Back to Home ******

© www.OBGPD.gov.et. All Rights Reserved.

-